Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinni barnootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Feestivaalli Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa fi Manneen Barnootaa Addaa Sadarkaa 2ffaa marsaa 2ffaan Magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar. Tolaa Bariisoo dabalatee,hayyoonni yuunivarsiitiiwwan garaagaraa feestivaalicharratti argamaniiru.

Kaayyoon feestivaalichaa Hojii kalaqaa jajjabeessuu,miiraa wal dorgommii fi walirraa barachuu barattootaa cimsuu, dhaloota egeree horachuufi muuxannoo gaarii walirraa qooddachuu ta’uu ibsameera.

Dabalataan feestivaalichi gidduu galeessa tokkotti fiduun barattoonni akka wal barataniifi muuxannoo walirraa qooddatan qooda qabaachuu eerameera.

Feestivaalichis mata duree ‘kalaqni barnoota saayinsiifi herreegaa furtuu egeree biyya keenyaati’ jedhuun kan qophaa’e ta’uu himameera.

Faxxanaa Zawdeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.