Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaan dhoorkii yoo laaffistu, Jarman daa’imman manneen barnootaatti deebisaa jirti

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) –Xaaliyaan dhoorkii yoo laaffistu, Jarman daa’imman gara manneen barnootaatti deebisaa jirti.
 
Biyyoonni lamaan sababii weerara vaayrasii koroonaatin daangaa yookin dhoorkii sochii kaa’un isaanii ni yaadatama.
 
Xaaliyaan naannoo baatii lamatif sochii kamuu ittistee turuun ishee ni yaadatama.
 
Yeroo ammaas dhoorkicha laaffisuun biyyoota Awrooppaa duursiteetti.
 
Dhoorkichi kan laafe lakkoofsi namoota haaraa vaayrasichaan qabamanii fi du’anii hir’achaa dhufuu isaatini jedhameera.
 
Sababii kanaatinis namoonni miiliyoonni 4.4 ol gara hojiitti deebi’aniiru.
 
Haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuun ammoo dirqiidha jedhameera.
 
Xaaliyaan biyyoota Awrooppaa keessaa adda durummaan kan miidhamtedha.
 
Sababii vaayrasichaatinis namoota kuma 29 ol du’aan dhabdeetti.
 
Xaaliyaanin ala Giriikis dhoorkiiwwan muraasa kaastetti.
 
Jarman ammoo daa’imman gara manneen barnootaatti deebisaa jirti.
 
Dhaabbileen tajaajilaas maamiltoota isaanitiif tajaajila laachuuf of qopheessaa jiru.
 
Maddi; “BBC” fi Aljaziiraa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.