Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy, muummee ministiraa Paakistaan waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) –Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad muummee ministiraa Paakistaan Iimraan Kaan waliin bilbilaan mari’atan.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa biyyoota guddachaa jiranirratti dhiibbaa qaqqabsiisaa jirurratti mari’ataniiru.
 
Dhiibbaa diinagdee qaqqabsiisuu malu ittisuufis biyyoota guddachaa jiraniif idaa haquun barbaachisaa ta’uu waliigalteerra ga’aniiru.
 
Biyyoonni kanneenis weeraricharraa amma dandamatanitti waliin ni hojjennas jedhaniiru Dooktar Abiy.
 
Dhiibbaa diinagdee weerarri vaayrasichaa qaqqabsiisuu malu furuuf biyyoonni liqeessanii fi dhaabbileen idil addunyaa liqaa haquudhan diinagdee biyyoota guddachaa jiranii akka baraaran waamicha dhiyeessaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.