Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Caffee Magaalaa Adaamaatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)-Miseensonni Caffee Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, Oromoon biqiltuu fi bosonaaf bakka olaanaa kan kennuu fi walitti hidhamiinsa cimaa qaba jedhan.

Kunuunsuu fi eeguun ammoo duudhaa darbaa dhufe ta’uu dubbataniiru.

Biqiltuu dhaabuu qofaa utuu hintaanee akka latuufis kunuunsuu barbaachisa jedhaniiru.

Magaalaa Adaamaatti bara kana biqituun Bosonaa,nyaataafi miidhagina magaalaaf olan miliyoona 6 dhaabuuf hojjatamaa jiraachuu kan himan Kantibaan Magaalichaa Obbo Haayiluu Jaldeen hawaasni bu’aa biqiloota waggotan darban dhaabbate dhandhamuu eegaluu dubbataniiru.

Maraa’ol Kadirii fi Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.