Fana: At a Speed of Life!

Ayerlaandi Itiyoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 15 taasiste

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Ayerlaandi Itiyoophiyaaf sagantaalee misoomaa fi namoomaaf kan oolu deeggarsa Yuuroo miiliyoona 15 taasiste.

Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa akkasumaa Ministirri Ittisaa Ayerlaandi Miisheel Maartiin guyyoota afuriif daawwannaa Itiyoophiyaatti taasisaa turan xumuraniiru.

Miisheel Maartiin Ministiraa Maallaqaa Ahimad Shidee waliin marii taasisaniin, Itiyoophiyaa dabalatee naannawichaatti lammiilee deeggarsa barbaadaan fayyadamtoota taasisuuf deeggarsa maallaqaa taasisanirratti ibsa kennaniiru.

Waggoottan 50’n darban Ayerlaandi diinagdee tajaajilaan hogganamuu fi daldala alaarratti xiyyeeffate hordofaa turuu yaadachiisan.

Itiyoophiyaanis imala misoomaa taasitu keessatti deeggarsa taasisuuf fedhii qabaachuu ibsanii, biyyi isaanii kanneen rakkoof saaxilaman deeggaruuf kutannoo qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa Ayerlaandirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.