Fana: At a Speed of Life!

Balfa Toonii kuma 90 fi 175 ol deebisanii misoomsuun galiin Birriin biiliyoonni 1.4 argame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC) – Bara baajataa darbe keessa Balfa Toonii kuma 90 fi 175 ol deebisanii misoomsuun galiin Birriin biiliyoonni 1.4 argamuu Ejansiin Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Aanaalee magaalichaa 119 fi bilookiwwan kuma 4 fi 992 keessatti hojiin qulqullinaa hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Itti Aanaan Ejansichaa Obbo Mulaat Taganyi ibsaniiru.

Magaalattii miidhagduu, hawwattuu fi qulqullooftuu taasiisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Waldaaleen Sharikaa miseensota kuma 6 of keessaa qaban torbeen yeroo lama Manaa fi Bilookirraa dhaabbiin balfa kaasaa jiraachuu Obbo Mulaat dubbataniiru.

Waldaaleen kunneen bara baajata 2016 keessa balfa deebisanii misoomsuun galii Birrii biiliyoona 1.4 ol argachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.