Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 4 dhaabameera-MQ

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)-Barana biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfame keessaa hanga ammatti biqiltuun biiliyoonni 4 dhaabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Hoggantoonni fi hojjetoonni Ministeera Qonnaa fi dhaabbileen waamamtoota ministeerichaa Laga Xaafootti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Ministirri Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen akka jedhanitti, sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfameen sagantaan dhaabbii biqiltuu baatii Waxabajjii eegalamuu yaadachiisan.

Karoora qabame keessaa hanga ammaattis biqiltuun biiliyoonni 4 dhaabamuu dubbataniiru.

Karooricha yeroowwan hafanitti milkeessuun akka barbaachisu kan hubachiisan Dooktar Girmaan, biqiltuuwwan dhaabuutti dabalataan eeguu fi kunuunfamuu akka qaban dhaamaniiru.

Biqiltuuwwan Ejersaa, Koosoo, Appilii, Burtukaana, Loomii, Gaattiraa, Birbirsa, Zeetunaa fa’aan dhaabamuun ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.