Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti hidhattoonni kumni 11 ol waamicha nageenyaa fudhachuun hawaasatti makaman

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraatti hidhattoonni kumni 11 ol waamicha nageenyaa fudhachuun hawaasatti makamuu Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa naannichaa beeksiseera.

Rakkoon nageenyaa naannicha mudate naannicha damee garaagaraan gatii olaanaa kaffalchiisuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa naannichaa Obbo Dassaalenyi Xaasaw eeraniiru.

Rakkoon nageenyaa kun yeroo gara yerootti fooyya’aa jiraachuu eeruun, hidhattoonni naannicha keessa socho’an kumni 11 ol waamicha nageenyaa mootummaan taasiise fudhachuun hawaasatti makamuu AMCn gabaaseera.

Qaamoleen walitti bu’iinsa naannichatti mudate hordofee to’annoo jala oolaanis leenjii haaromsaa fudhachuun hawaasatti makamuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.