Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiyyii fi preezdaant Isaayyaas proojaktii jallisii Maqii-Baatuu ebbisan

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin proojaktii misooma jallisii Maqii-Baatuu ebbisan.
 
Sirna ebbichaarratti preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, muummee ministiraa duraanii obbo Haaylamaariyaam Dassaalany argamaniiru.
 
Proojaktiin kun Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 37 kan hojjetame yoo ta’u, lafa heektaara kuma lama misoomsuun abbootii warraa 2,700 ganda 4 keessatti fayyadamoo taasisa jedhameera.
 
Hojiileen proojaktoota misooma jallisii biroo yammuu xumuramanitti heektaara kuma 15 misoomsun ni danda’ama jedhameera.
 
Aanaa Dugdaattis buufata biqiltuu daawwataniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.