Fana: At a Speed of Life!

Sululoota balaa lolaaf saaxilamoo ta’anirratti hojiin ittisaa itti fufiinsaan hojjetamaa jira – Dr. Inj. Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Sululoota balaa lolaaf saaxilamoo ta’anirratti hojiin ittisaa itti fufiinsaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Sululoota naannolee garaagaraatti hojiin saaxilamummaa balaa lolaa hir’isuu hojjetamaa jiraachuu himan.

Laggeen akka Awaash, Bilaattee, Waabii Shabalee fi kanneen biroorratti hojiin ittisa balaa lolaa qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injinar Habtaamuun dubbataniiru.

Keessattuu miidhaa lolaan Lagni Awaash qaqqabsiisu waarinaan furuuf hojmaanni “Hojii Hoggansaa Lagaa” jedhuu hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru.

Iddoolee rakkoon mul’atan hundatti koree hundeessuun hawaasni akka of qopheessu taasifamuu himaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.