Fana: At a Speed of Life!

Oomishaaleen sadarkaa qulqullinaatii gadii akka hin galle taasifamaniiru

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Oomishaaleen sadarkaa qulqullinaatii gadii meetriik toonii 2,500 ol gara biyyaa akka hin galle taasifamaniiru.
 
Ooomishaaleen kanneen sadarkaa qulqullinaa dirqisiisaa Ityoophiyaa kan hin guunnedha jedheera Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii.
 
Sakattoon kunis oomishaalee gara biyyaa galfamuuf turanirratti kan taasifame.
 
Oomishaaleen gara biyyaa akka hin galfamne dhoorkamanis; sibiila maramaa meetriik toonii 2304.95, qorqoorroo manaa meetriik toonii 28.7, saamunaa kaartoonii 180, baatirii harkaa ifa aduutin hojjetu kaartoonii 142, wadaroo elektiriikaa kaartoonii 150, galtee oomisha qorqoorroof oolu meetriik toonii 43.22.
 
Dabalataan sibiilli armaataa maraa 272, zayitini nyaataa paalm jarikaanaan 19,770, paampiin bishaanii 2934, dhagaan baatirii kaartoonni 875, oomishaaleen nyaataa saamsaman keessatti argamu.
 
Oomishaaleen kanneen sadarkaa qulqullinaatii gadi waan ta’aniif, rakkoo fayyaa fi nageenyaa kan qaqqabsiisuu danda’anidha jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.