Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannichaa baajata bara 2017’f Birrii biiliyoona 37.6 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Manni Maree Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Yaa’ii Idilee 3ffaa gaggeesseen baajata bara 2017’f Birrii biiliyoona 37.6 ol raggaasiseera.

Manni marichaa Yaa’ii Idilee 3ffaa, bara hojii 4ffaa, marsaa 6ffaa gaggeesseen wixinee baajata 2017 dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.

Haaluma kanaan baajata bara 2017’f Birrii biiliyoona 37.6 ol ta’ee dhiyaate raggaasiseera.

Baajanni kun % 75 galii biyya keessan kan uwwifamu ta’uu eerameera.

Dabalataan manni marichaa muudamoota dhiyaate raggaasiseera.

Obbo Gabramasqal Caalaan Itti Aanaa Pireezidaantii fi Hogganaa Biiroo Carraa Hojii fi Misooma Interpiraayizii naannichaa ta’uun muudamaniiru.

Muudamni abbootii seeraa 38 mana marichaaf dhiyaates ragga’eera.

Xilahuun Huseentu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.