Fana: At a Speed of Life!

Qonna ammayyeessuuf deeggarsa addaa ni goona jedhan muummee ministiraa

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Qonna ammayyeessuuf deeggarsa addaa ni goona jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy karaa fuula Feesbuukii isaanitiin akka beeksisanitti qonnaan bulaan Ityoophiyaa carraaqqii oomisha guddisuuf taasisaa jiru kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf qonna ammayyoomsuun deeggarsa addaa yoo goone, maatii hedduwwan keenyaa kan ta’e qonnaan bulaan ofiisaa dhama’ee dachaadhan yoo oomishu arguun ala wanti nama gammachiisu hin jiru jedhan.

Aanaalee godina Shawaa Kaabaatti Minjaar Shonkooraa, Asaagirt, Aangoololaa fi Xarraa, bulchiinsa magaalaa Dabra Birhaanitti qonnaan bultoonni fuduraa fi muduraa dabalatee misooma jallisiitin oomisha sadarkaa gaarirra jiraachuu ibsan.

Hoggansi naannoo Amaaraa sadarkaa garaagaraa irratti argaman hojii gaarii kana daawwachuudhan, qonnaan bultoota mariisisuun isaaniis ibsameera.

Ogeeyyiin qorannoo qonnaa deeggarsa beekumsaa yoo godhan, mootummaan abbootii qabeenyaa qindeessee yoo bobbaase, tumsi keenya daran yoo cime damicha sadarkaa gaaritti ceesisuu ni dandeenya jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.