Fana: At a Speed of Life!

Cehumsa dinagdee akeekaa jirru keessatti waadaa gochatti jijjiiruun, badhaadhina waloo mirkaneessuuf hojjenna-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Cehumsa dinagdee akeekamaa jiru keessatti ummataaf waadaa galame gochatti jijjiiruun badhaadhina waloo mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin daawwannaa misoomaa guyyootaaf taasisaa turan itti fufuun eeran.

Mootummaan jijjiiramaa qabsoo ummataatiin dhalate giddugala taa’ee ummata tajaajilaaf marmaarsisuu osoo hintaane, qee’ee isaatti argamee ko’ummaa fi komii, hawwii fi milkaa’ina isaa kallattiin afaan hawaasarraa dhagahu akka qabu amantaa qaban ibsaniiru.

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaalee Qarsaa Maallimaa, Iluu, Bachoo fi Bulchiinsa Magaalaa Walisootti hojiilee qonna kilaastara qamadii, kilaastaroota qonna magaalaa, iddoowwan haara galfannaa magaalaafi pirojektoota garaagaraa daawwachuu ibsan.

Sochiin misoomaa godinichaa jajjabeessaa ta’uu kan kaasan Pireezidaanti Shimallis, cehumsa hundagaleessa hawwamu mirkaneessuuf gaaffilee bu’uura misoomaaf deebii laachuu cinaatti, hawaasa keessatti aadaa qusannaa jajjabeessuun, qonnaan bultoota gara abbaa qabeenyummaatti ceesisuuf xiiqii guddaan hojjechuu akka barbaachisu kaasan.

Cehumsa dinagdee akeekamaa jiru keessatti ummata aarsaa fi tattaaffii olaanaa taasisaa jiru, abdiin qofa sooruu osoo hintaane waadaa galame gochaatti jijjiiruun, badhaadhina waloo mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.