Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ittisa Kooviid keessatti tumsa taasiseen beekkamtii argate

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa weerara vaayirasii Koroonaa ittisuu keessatti hirmaannaa idil addunyaa taasifame keessatti gahee caaluu bahachuun beekkamtii argate.

Daandichi Koonfiraansii Weerara Vaayirasichaan Boodaa, Kanaadaa Toroontootti gaggeeffameerratti beekkamtichi kennameeraafi.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa wayita weerara vaayirasii Koroonaatti Afrikaa fi biyyoota birootti meeshaalee wal’aansaa dhibecha ittisuuf oolan geejjibsiisuun tajaajilaa saffisaa kennuun eerameera.

Haaluma kanaan lubbuu namootaa hedduu baraaruuf tattaaffii taasifamaa ture keessatti gahee olaanaa bahachuun beekkamtichi kennamuufiin eerameera.

Konfiraansichi, walta’iinsa “Development International Initiatives (LDII)”, Dhaabbata Misooma Mootummoota Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) fi dhaabbilee tumsitootaa ittisa dhibeewwan weeraroon kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.