Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa gamaaggamaa raawwii karoora 2016 gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)- Waajjirri Paartiin Badhaadhinaa fi Waajjiraaleen damee paartichaa gamaaggamaa raawwi karoora bara baajataa 2016 gaggeessuu eegalan.

Waltajjicharratti Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, gamaaggamichi ciminaalee raawwii bara baajatichaa adda baasuun karoora fuuldureef bu’uuraa kaa’uudha jedhan.

Akkasumas hanqinaalee mul’atan addaa baasuun tarkaanfiilee sirreeffamaa fi kallatti fuulduree akeekuuf akka ta’e dubbataniiru.

Waltajjichaan gurmaa’ina paartichaa sadarkaan jiran tokkummaa ilaalchaa fi hojii uumuun raawwii gaggeeffaman gamaaggamuun hojiilee deeggarsaa fi hordoffii gaggeeffamanirratti ni mari’atamaan eegama.

Dabalataan hojmaata garaagaraa paartichaa walfakkaataa taasisuuf qajeelfamoota qophaa’aan irratti akka mari’atamu kan eegamu ta’uu ragaan paarticharraa argame ni mu’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.