Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gaa’ila umrii malee fi kittaannaa shamarraanii ittisuun beekkamtii argatte

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan fuudhaafi heeruma umrii malee fi kittaannaa shamarraanii ittisuun hojii bu’aa qabeessaa hojjetteen Dhaabbata Qorannoo Ummataa Mootummoota Gamtoomaniirraa beekkamtii argatte.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen Niwuyoorki Waajjira Muummee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti argamuun beekkamticha fuudhaniiru.

Dooktar Ergoggeen, Mootummaan Itiyoophiyaa haleellaa dubartootarra ga’uu fi barsiifata miidhaa geessisan hambisuuf tarkaanfiilee seeraa, imaammataa fi sagantaalee hojiirra oolchaa jirturratti ibsa kennaniiru.

Beekamtii fi badhaasni kenname kunis, mootummaan walqixxummaa sirna koorniyaa fi dubartoota ga’oomsuuf kutannoo qabu daran kan cimsu akka ta’e ibsameera.

Sirna beekkamtichaarratti Barreessa Ittaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad, Dayrektaraa Olaanaa Dhaabbata Qorannoo Ummataa Naataaniyaa Kaaneemnee fi itti gaafatamtoonni dhaabbailee Idil Addunyaa biyyoota miseensota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argamaniiru.

Itiyoophiyaatti fuudhaa fi heeruma umrii malee fi kittaannaa dubartootaa hambisuuf bara Faranjootaa 2012 Gamtaan dhaabbilee kan hundeeffame yoo ta’u, gamticha keessatti dhaabbilee mootummaa, dhaabilee siikiivikii, dhaabbilee qorannoo fi dhaabbileen amantaalee hammatamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.