Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen 786 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) –Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti rakkoolee garaagaraa keessaa turan 786 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiileen kunneen balallii marsaa lamaan guyyaa kaleessaa gaggeeffameen kan deebi’an ta’uun ibsameera.

Deebitoonni hundi dhiiroota yoo ta’an 2 immoo guddatoota umrii waggaa 18 gadii ta’uun eerameera.

Ebla 4, 2016 irraa eegale hanga ammatti lammiileen kumni 59 gara biyyaatti deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartoota fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa
bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.