Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gama hundaan yeroo of eeggannoon barbaachisurratti argamti-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan dhimmoota hundagaleessaan yeroo of eeggannoon barbaachisurratti argamti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti tattaffiiwwan hojiilee miidiyaan, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, nageenyaa fi jaalalaaf dursa kennuun hojjechuu akka barbaachisu dubbatan.

Hojiilee bu’aa qabaan dhaloota egereetti darban hojjechaa jiraachuu of gaafachuu qabna jedhaniiru.

Guyya har’aas misoomaa fi tokkummaa biyyaa beeksisuu akkasumas faayidaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti hojii olaanaa hojjechuun dhaabbilee miidiyaa badhaafamaniin baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.