Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Ce’umsa Baadiyyaa Itayyaa Birrii biiliyoona 2.2 ijaarame eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Giddugalli Ce’umsa Baadiyyaa Itayyaa Birrii biiliyoona 2.2 oliin ijaarame eebbifame.

Gareen Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Mootummaa Naaannoo Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu godina Arsii Aanaa Heexosaatti pirojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiisaniiru.

Sirna eebbichaarratti Obbo Abdulhaakim Muluun akka jedhanitti, mootummaan waadaa ummataafg gale gochaatti jijjiiruun fayyadamummaa ummaraa mirkaneessuuf misoomaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jira.

Giddugalli Ce’umsa Baadiyyaa ijaarames omishaafi omishtummaan dabaluun jiruufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruun cinaatti imala guddina biyyattii kan saffisiisu ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti karoora xiiqii qabame milkeessuuf pirojektiiwwan karoorfaman yeroon akka xumuruu taasisuun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf kutannoon hojjatamaa turuu ibsan.

Godinichatti bara baajata 2016’tti pirojektiiwwan misoomaa garaagaraa kumni 1 fi 61 Birrii biliyoona 5.7 oliin hojjataman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan.

Pirojektiiwwan hojjatamanii tajaajilaaf banaa ta’an kunneenis hawaasa miiliyoona 3.2 ol fayyadamtoota akka taasisu himaniiru.

Hawwii Fiqaaduu fi Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.