Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo Teeleekom galii Birri biiliyoona 93.7 argachuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Itiyoo Teeleekoom bara baajataa 2016 galii Birri biiliyoona 93.7 argachuu beeksise.

Hoji Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiiwoot Taammiruun raawwii karoora bara baajatichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsichaan dhaabbatichi oppireetaroota sadarkaa addunyaatti argaman 778 keessaa sadarkaa 17ffaa, afrikaarraa oppireetaroota 195 keessaa sadarkaa 2ffaarratti akka argamu ibsaniiru.

Bara bajatichaatti maamiltoota isaa miiliyoona 78.3 ‘n ga’uu kaasaniiru.

Bara baajatichaatti bu’aa Birrii biiliyoona 21.79 argachuu dubbatanii, maddeen sharafa alaa argamsiisanirraas galii Doolaara 198 ol argamsiisuu ibsaniiru.

Tajaajila Teelee Birriin maamiltoota miiliyoona 47.55 horachuun, hanga ammaattis Birrii tiriiliyoona 2.55 tajaajilichaan daddabarfamuu eeraniiru.

Kana keessaa Birrii tiriiliyoona 1.8 bara baajataa 2.16 keessa kan daddabarfame ta’uu himaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.