Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Godaantota miiliyoona 1.1 olii fi da’oo fi deeggarsa taasisaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan godaantota biyyoota garaagaraarraa dhufan miiliyoona 1.1 oliif da’oo fi deeggarsa taasisaa jiraachuu Tajaajilli Godaantotaa fi Godaansaa Deebitootaa beeksise.

Daayrektarri Olaantuu Tajaajilichaa Xayibaa Hasan, Itiyoophiyaan godaantota biyyoota garaagaraarra dhufan keessummeessaa jiraattus, lammiileen ishee ammoo godaansa seeraan alaaf saaxilamaa jiraachuun yaaddessaa ta’uu himan.

Mootummoota biyyoota garagaraa waliin marii dippilomaasii taasisuun lammiileen gara biyyaatti akka deebi’an taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa lammiilee biyyoota 26’rraa dhufan miiliyoona 1.1 ol simachuun deeggarsaa fi da’oo barbaachisaa taasisuun waliigalteewwan idil addunyaa sirnaan hojiirra oolchaa jirti jedhaniiru.

Walitti bu’iinsa naannawaa garaagaraatti mul’atan, hiyyummaa fi hojii dhabdummaan godaansi seeraan alaa akka babal’atuu taasisaa jiraachuu ibsuun, godaantonni gara Itiyoophiyaa dhufaanii fi koolu galtummaa gaafatan dabalaa dhufuu eeran.

Rakkoo kanaaf deebii kennuuf walta’iinsa idil addunyaa gaafata kan jedhan Aadde Xayibaan, deegarsaa fi walta’iinsi hir’achaa jiraachuu himan.

Biyyoonni tumsitootaas waraanaa fi rakkoolee dachaa mul’ataniin qabeenya deeggarsa namoomaaf oolan gahaa ramaduuf rakkachuu ibsaa jiraachuu yaadachiisuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Kanarraa kan ka’e Itiyoophiyaatti godaantotaaf qabeenya tumsitootarra argamu muraasa ta’uu kaasanii rakkochaaf deebii kennuuf walta’iinsi idil addunyaa akka taasifamu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.