Fana: At a Speed of Life!

Baankichi hammattoo Imaammata Maallaqaa Haaraa ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa hammattoo imaammata maallaqaa haaraa ifoomseera.

Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa bara darberraa eegalee gatiin gadi aanaa fi tasgabbaa’aa ta’e akka jiraatu kan dandeessisu hammattoo imaammata Maallaqaa Haaraa diriirsaa turuu ibsameera.

Kunis karoora Tarsiimawaa bara giddu galeessaa baankichaa keessaa isa tokko ta’uu fi kana milkeessuuf qophii seeraa, dhaabbatummaa fi teeknikaa taasiisuu himeera.

Keessattuu kaayyoon baankichaa inni jalqabaa gatii tasgabbeessuu ta’uu himeera.

Dabalataan imaammata maallaqaa hojmaata baankii giddugaleessaa ammayyaa fi sirna faayinaansii gabaa irratti hundaa’e saffisaa ta’een walsimu hojiirra oolchuuf hojiiwwan ijaarsa dandeettii raawwatamuun ibsameera.

Hojiileen olitti eeraman harki caalu xumuramuu hordofee baankichi har’a hammattoo Imaammata Maallaqaa Haaraa ifoomseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.