Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Pirojektoonni 104 baasii Birrii biiliyoona 1.2 oliin ijaaraman xumuramuun eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Godina Boorana Bahaatti Pirojektoonni 104 baasii Birrii biiliyoona 1.2 oliin ijaaraman xumuramuun eebbifamaniiru.

Godinichatti rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Haaluma kanaan godinichatti bara kana pirojektoonni garaagaraa 104 baasii Birrii biiliyoona 1.2 oliin ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banamaniiru.

Sirna eebbicharratti qondaaltoonni olaanoo naannoo fi godinichaa argamuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.