Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Indaastirii Adaamaatti fedhiin sheedii qabachuu mul’ate paarkiiwwan biroottis babal’chuu qaba jedhame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Paarkii Indaastirii Adaamaatti fedhiin sheedii qabachuu mul’ate paarkiiwwan biroottis babal’chuu akka qabu Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa beeksise.

Hoji Raawwachiisaan Koorporeeshinichaa Dooktar Fisahaa Yittaagasuu invastaroota biyya keessaa fi alaa Paarkii Indaastirii Adaamaattii hojjechaa jiran daawwachuun, dabalataanis invastaroota waliin mari’achuun eeameera.

Maricharratti raawwiin Paarkii Indaastirii baatiiwwan 11’n darbanii dhiyaachuun kan irratti mari’atame yoo ta’u, dhimmoota xiyyeeffannoon guyyoottan 100’n dhufan hojjetaman irrattis mari’achuun kallattiin fuulduree kaa’ameera.

Paarkiin Indaastirii Adaamaa lafa hektaara 120 irratti kan ijaarame yoo ta’u, sheediiwwan 19 kan qabuu fi kunneenis abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaan qabamuun ibsamuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.