Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti qorichi Iiboolaa, yaala koroonaaf akka oolu eeyyamame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Ameerikaatti Abbaan Taayitaa to’annoo Nyaataa fi Qorichaa ‘Ramdasiiviir’ jedhamu qorichi vaayrasii Iiboolaa yaala COVID –19f akka ooluu eeyyamuu isaa ibsame.

Qorichi farraa Iiboolaa kun yeroo ammaa kutaa bulchiinsa Ameerikaa garaagaraatti lammiilee dhibee vaayrasii koroonaan cimaan dhukkubsachaa jiraniif kennamurratti argama jedhame.

Dhukkubsattoonni qorichicha fudhatan dhibichaarraa dandamachaa jiraachuu gabaafameera.

Ogeeyyiin yaala fayyaa garuu qorichi kun Kaampaanii qorichaa Giiliidiin kan oomishame ta’uu ibsuun, kan oomishames vaayrasii Iiboolaf waan ta’eef akka qoricha amansiisaatti fudhatamuu hin qabu jechuun akeekkachisaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.