Fana: At a Speed of Life!

Manneen Maree fayyadamummaa walqixaa lammiilee mirkaneessuuf dirqama akka qaban akeekame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC)- Manneen Maree Mirgaa fi fayyadamummaa lammiilee mirkanaa’uu, mirgoonni namoomaa fi diimookiraasii kabajamuu to’achuuf dirqama heeraa mootummaa akka qaban akeekame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Koonfiraansii Qorannoo fi Qo’annoo Paarlaamaa waggaa waggaan gaggeeffamu mata duree “Paarlaama Itiyoophiyaa faayidaa ummataa fi olaantummaan seeraa akka kabajamuuf” jedhuun yeroo 4ffaaf gaggeeffamaa jira.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon sirna baniinsa koonfiraansichaarratti haasawaa taasisaniin, manneen maree dhaabbilee diimokiraasii bakka bu’ummaa ummataa fi birmadummaan itti mirkanaa’an ta’uu ibsan.

Mirgaa fi fayyadamummaa walqixaa lammiilee mirkaneessuu, mirgoonni namoomaa fi diimookiraasii kabajamuu, dirqama to’achuu akka qaban hubachiisan.

Koonfiraansichi manneen maree hojiilee isaanii qorannoo fi qo’annoon kan deeggaramee fi daandii saayinsaawaa haala hordofeen furmaata dhiyeessuuf kan kaayyeeffate ta’uun eerameera.

Hanga ammaatti, qorannoowwanii fi qo’annoowwan gaggeeffamaan qabatamaan bu’aa akka galmeessan tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsameera.

Koonfiraansii gaggeeffamaa jirurraas yaadonni ijaaroo fi faayida qabeeyyiin kan argaman ta’uu ibsamuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.