Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi daandirraa mata duree, “Hunduu nageenyaaf, nageenyi hundaaf’ jedhu magaalaa Ambootti gaggeffame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Walta’iinsa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaafi Biiroo Bulchiinssafi Nageenyaa Oromiyaan akka naannoo Oromiyaatti fiigichi “Nageenyi Hundaaf; Hunduu nageenyaaf” jedhu Magaalaa Ambootti gaggeeffameera

Itti aanaan Bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Takkaalanyi Imanuu uummanni godinichaa nageenya isaa eegachuu akka qabu dhaamaniiru.

Kaayyoon Fiigicha kana nageenya waareessuu keessatti qaamni hundi gahee qabaachuu hubate gahee isaa akka ba’atuuf ta’uu bakka bu’aan Biiroo bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Kaasayee Gammachuu himaniiru

Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Obbo Maatiyoos Sobbooqaa dargaggeessi Oromoo aarsaa kaffaluun jijjiirama kana fide ammas sirna ofii ijaaree kana eeggachuuf nageenya naannoofi biyya isaa tikaffachuu qaba jedhan.

Dargaggoonni nageenyaarraa fayyadamoo tahuunisaa hubachuun nageenyaaf dursa kennanii hojjachuu qabu jedhan.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.