Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti pirojektoota hidha bishaaniifi jallisii 11 Birrii biiliyoona 1.5 oliin hojjetamuun tajaajilaaf qophaa’aan

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Pirojeektonni Finnaa Seenaa Gammoojjii Oromiyaa Jijjiiraa jiran eebbaaf qopha’aan.

Piroojektoonni Finnaa egeree horsiisee bultootaa Godinaalee Boranaa garaagaraa jijjiiruu danda’u Biiroo Misooma Jallisiifi horsiisee bulaa Oromiyaan Ijaaraman Guyyaa har’aa irraa eegalee ni eebbifamu.

Biirichi guutuu Oromiyaatti bara kana pirojektoota misoomaa 135 Birrii biiliyoona 4fi miiliyoona 700 oliin hojjetamaa turan xumuramuu beeksiseera.

Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Godina Booranaatti barana pirojektoota hidha bishaaniifi jallisii 11 Birrii biiliyoona 1.5 oliin hojjetaman eebbaaf qophaa’uu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.