Fana: At a Speed of Life!

Shamarran Lakkuu qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Amboorraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC) – Shamarran Lakkuu qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Amboo Kaampaasii Walisoorraa eebbifaman Keelloo Xurunaa fi Siddisee Xurunaa.

Yuunivaarsiitiin Amboo Kaampaasiin Walisoo barattoota 488 digirii jalqabaa fi lammaffaan sagantaa barnootaa idilee fi idileen alaan barsiisaa ture har’a eebbisiiseea.

Shamarran Lakkuu Keelloo Xurunaa fi Siddisee Xurunaa jedhaman Muummee barnoota Iikoonomiksii irraa qabxii eebbaa (CGPA) olaanaa galmeessuun eebbifamaniiru.

Keelloo Xurunaan qabxii 3.99 galmeessuun baadhaasa Waancaa fi Warqeen yoo eebbifamtu, Siddisee Xurunaan qabxii 3. 98 galmeessuun kabaja olaanaan eebbifamuu ragaan kominikeeshinii Magaalaa Walisoorraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.