Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo Barattoota kuma 1 fi 596 eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)– Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo Barattoota Muummee Barnoota garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 596 eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti, Mana Maree Bakka Bu’ota Ummataatti Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Teeknooloojii, Bobbii Hojii fi Misooma Humna Namaa Dooktar Nagarii Leencoo, Ministeera Barnootaatti Daayrektarri Olaanaa Dhimmoota Akkaadaamii Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Eebbaa Miijaanadabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Dooktar Nagarii Leencoon ergaa dabarasaniin, sadarkaa barnootaa qabaachuun hiikaa waan hinqabneef eebbifamtoonni ogummaa kalaqaa horatan gara jireenya milkaa’aatti jijjiiruun, carraalee hojii umamaan irratti fayyadamtoota adda duree ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Lataa Tasfaayeen gama isaaniin, yuunivarsiiticha gama hundaan giddugaleessa gahumsaa gochuuf hojjetamaa jiraachuu himan.

Dameewwan qonnaa, Ikkoo Tuurizimii, Teeknooloojii, fayyaafi albuudaarratti xiyyeffannoo addaa kennuun karoora tarsiimawaa baasuun hojechaa jiraachuu ibsaniiru.

Barattoonni eebbifamanis, dirree bobba’anitti hawaasa isaanii miira itti gaafatamummaan tajaajiluu akka qaban dhaamuu ragaan Yuunivsriiticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.