Biirichi kenniinsa Haqaa ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kenniinsi tajaajila haqaa ammayyaa’aa taasisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksise.
Biirichi raawwii hojii bara 2016 gamaaggamuu fi karoora bara 2017rratti mari’achaa jira.
Abbaa Alangaa Walii Galaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoon waltajjicharratti haasawaa taasisaniin kenniinsa haqaa dhaqqabamaa, si’oomaa, qulqulluu fi bu’a qabeessa akkasumas, ammayyaa’aa taasisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasan.
Raawwiin hojii kan milkaa’u yoo karoorfame, wanti karoorfame yoo raawwate, hordoffiifi deeggarsa walirraa hin cinne yoo taasifameedha jedhan.
Milkaa’inoota raawwii hojii baranaa adda baasuun itti fufsiisuu, hanqinaalee immoo, galtee karoora bara 2017’f taasifachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Oliiqaa Girmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia