Fana: At a Speed of Life!

Maasuud Peezeeshkiyaan Pireezidaantii Iraan ta’uun filaman

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Leellisaan jijjiiramaa Dooktar Maasuud Peezeeshkiyaan morkataa isaanii Sa’iid Jaalilii injifachuun Pireezidaantii Iraan ta’uun filamaniiru.

Filannichaan sagalee kennameen Dooktar Maasuud Peezeeshkiyaan %53.3 yoo argatan, morkataan isaanii Jaaliiliin %44.3 argachuu BBC’n gabaaseera.

Bu’aan filannichaa ifoomuun dursee deeggartoonni Dooktar Maasuud Peezeeshkiyaan Teehiraanii fi biyyoota garagaraatti gammachuu isaanii ibsachaa turuun eerameera.

Kan umriin 71 Maasuud Peezeeshkiyaan abbaa qabeenyaa fi ogeessaa fayyaa yoo ta’an, miseensaa Paarlaamaa Iraan ta’uun ibsameera.

Filannoon Iraan kun balaa Heelikooptaraan kan lubbuun isaanii darbee Pireezidaantii duraanii Iraan Ibiraahiin Raaysiin hordofee kan gaggeeffame ta’uun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.