Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Adaamaa Barattoota barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 100 eebbisiise.

Barattoota eebbifaman keessaa 671 digirii jalqabaa, 397 digirii 2ffaa akkasumas 32 digirii sadaffaan kan xumuran ta’uun eerameera.

Sirna eebbichaarratti Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ajaajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan argamaniiru.

Dooktar Alamuu Simeen sirnicharratti haasawaa taasisaniin, badhaadhina hunda galeessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf barnoonnii fi leenjiin murteessaa ta’uu fi mootummaan barnootaa qulqullinarratti bu’uureffate waliingahuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Yuunivarsiitichis ergama isaa bahachuuf tattaafachaa jiraachuu kaasuun, qorannoo fi qo’annoo taasisuurraa hanga pirojektoota guguddaa bocuun kan beekamu ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsitichaa Dooktar Lammii Guutaa gama isaaniin, bu’aalee teeknooloojii jireenya hawaas-diinagdee biyyattii jijjiiruu danda’an akka babal’atan taasisuuf yuunivarsiitichi tattaafachaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataan hubannoon kalaqaa akka gabbatuuf giddugaloota dagaginaa banuun barattoonni akka hirmaatan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.