Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha “Nageenyi Hundaaf; Hunduu nageenyaaf” gaggeeffamuun daandileen cufaman ifooman

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti fiigicha daandiirraa “Nageenyi Hundaaf; Hunduu nageenyaaf” jedhuun gaggeeffamuun walqabatee daandileen konkolaatotaataf cufaa ta’an ifooman.

Boru waxabajjii 30, 2016 ministeerrii Nageenyaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun sgantaa Figichaa daandiirri mataduree “Nageenyi Hundaaf; Hunduu nageenyaaf” jedhuun kan gaggeeffamuu ta’uuneerameera.

Haaluma kanaan sagantichii Addabaabayii Masqalaa-Baanbiis-addabaabayii Uraa’eel karaa Mirgaan-bakkaa bashannaanaa piikook-Daandii Nageenyaa-Walloo Safar-Danbal-filaamiingoorraa Deebi’ee Addabaayii Masqalaatti kan xumuramu ta’uun ibsameera.

Sagantichi eegalamee hanaga xumuramutti daandilee konkolaattotaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

• Daandii 22 irraa gara Gamoo Zarihuu

• Gamoo Zarihuunirraa gara Addaabaabayii Uraa’eel

• Ibsaa Atilaas irraa gara Addabaabayii Uraa’eel

• Maqa Boolee Ruwwandaarraa gara Walloo Safar

• Walloo Safarirraa hanga Addabaabaayii Gaazeeboo fi daandiilee keessoon daandii guddichatti baasan

• Addaabaayii Gaazeeboo irraa gara Addabaabyii Olompiyaa

• Giddugala Egzibishinii irraa gara Filaamiingoo

• Addabaabaayii Xilaahuun irraa gara Addabaabaayii Masqalaa

• Qaxxaamura Teelee (Baankii Geengoo) irraa gara Istaadiyaamii

• Ibsaa Harraambeerraa gara Addabaabayii Masqalaa

• Masaraa mootummaarraa gara Addabaabayii Masqalaa

• Sheelii Kaasaanchiis (Hoteela Interkontinantaalii) irraa gara Baambiis

• Addabaabaayii Uraa’eel karaa olii fi gadiin garaa Addabaabaayii Masqalaa daandileen geessan barii sa’aatii 11:30 irraa eegalee sagantichi hanga xumuramutti konkolaattotaaf cufaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.