Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gulaallii Waancaa Afrikaa 2025’f Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo, Giinii fi Taanzaaniyaa waliin ramadamte

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa gulaallii Waancaa Afrikaa 2025’f Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo, Giinii fi Taanzaaniyaa waliin ramadameera.

Waancaan Afrikaa bara Faranjootaa 2025 qopheessummaa Moorookoon ni gaggeeffamaa.

Konfedereeshiiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ramaddii biyyootaa har’a ifoomseera.

Haaluma kanaan biyyoonni Afrikaa ramaddiiwwan 12tti qoodamuun tapha gulaallii kan taphatan yoo ta’u, Waaliyaawwan ramaddii 8ffaan(H) jalattti Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo, Giinii fi Taanzaaniyaa waliin ramadamaniiru.

Tapha gulaallii kanarratti biyyoonni Afrikaa 48 kan hirmaataan yoo ta’u, taphni gulaallii kun Baatii Fulbaanaa bara 2017 eegalee kan taphatamu ta’uu ragaan CAF TV irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.