Fana: At a Speed of Life!

Seektaroota diinagdeen bu’aalee fi injifannoowwan olaanaan argamaniiru-Dooktar Abiy Aimad

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaatti rakkooleen idil Addunyaa fi biyyatti mudataanis rakkoolee keessatti seektarootaa diinagdeen bu’aalee fi injifannoowwan olaanaan galmaa’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa walga’ii idilee 36ffaa gaggeessaa jira.

Gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaa fi deebii bal’aa kennaniiru.

Dooktar Abiy damee diinagdee ilaalchisuun bsa kennaniin, rakkoolee idil addunyaa, naannawaa fi biyyaatti turan dameewwan diinagdee kan jeeqee fi qormaata kan hordofsiise ta’uun yaadachisan.

Rakkooleen kunneen Itiyoophiyaattis, raafama hordofsiisuun imalaa diinagdee dadhabsiisaa fi qormaataan kan guutame taasiseera jedhan.

Ta’us, carraalee jiran fayyadamuu, ilaalchaa fi hojmaataa akkasumas, aadaa hojii fooyya’aa hordofuun waggaa milkaa’aa ture jedhaniiru.

Bu’aalee argaman yoo itti fufsiisuun danda’ame imalaa badhaadhinaa milkeessuuf bu’aaleen abdii qabeeyyiin ni mul’atu jedhan.

Keessumaa bara jijjiiramaa eegalee liqii kan hinliqeeffatamiin ta’uu himanii, idaa alaa tures gara %17.5tti hir’suun akka danda’ame ibsaniiru.

Baraa baajataa qabamettis oomishaa fi daldala alaarraa galiin Doolaara biiliyoona 10 ol akka argame kaasaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa Afrikaa Bahaarraa biyyaa invastimantii alaa hawwachuun addaa dure ta’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan barana Invastimantii alaa Doolaara biiliyoona 3 hawachuun akka dand’ame, qamadii dabalatee oomishaalee alaa gala turan biyya keessatti oomishuun injifannoo olaanaan akka galmaa’e kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.