Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota dhibee koroonaan qabaman waliin namoota tuttuqaa qabaman 2,516f hordoffiin taasifamaafii ture

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti Bitoottessa 3, 2012 eegalee namoonni namoota dhibee koroonaan qabaman waliin tuttuqaa qaban kuma 2 fi 516f hordoffiin taasifamaafii turuu ibsame.
 
Kana keessaa namoonni kumni 1 fi 953 hordoffii isaanii xumuruun gara hawaasaatti akka makaman godhameera jedhame.
 
Namoota 521f ammoo hordoffiin taasifamaa akka jiru Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Namoota kanneeniif hordoffiin taasifamuun isaa weerarri vaayrasichi halaan akka hin babal’anneef shoora ba’eera jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.