Fana: At a Speed of Life!

Haala hundeeffama foormii idil addunyaa Yuunvarsiitiwwan Ityoophiyaarratti mari’atame

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Fooramii idila addunyaa dhaabbilee barnootaa olaanoo Ityoophiyaa hundeessuuf mariin gaggeeffame.

Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanaa Proofeesar Afawarqi Kaasuun haala qabatamaa idila addunyaa, biyyaaleessaa fi naannoorratti barreeffama dhiyeessaniiru.

Proofeesar Afawarqi Kaasuun murannoo ministeerichi Fooramicha hundeessuuf qabuu fi adeemsa gara fuuldurarratti kallattii kaa’aniiru.

Marii kanaan imaammannii fi tarsiimoon manni hojichaa foorama idila addunyaa kana hundeessuuf wixineessaa jiru dhiyaatera jedhame.

Ityoophiyaatti Imbaasii Ameerikaa bakka bu’uun kan hirmaataan obbo Geediyoon Maammoos hojiilee hanga ammaatti hojjetamaan ibsuun, Imbaasichi sochii fooramicha hundeessuuf taasifam qabatamaan deeggaraa akka jiru himaniiru.

Marii kanarratti hoggantoonni olaanoo fi daayreektaroonni Yuunvarsiitiwwan Ityoophiyaa 7 hirmaachuu isaanii ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee olaanoorraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.