Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Diyaaspooraa Darbaan sosochii “Itiyoophiya Qulqulluuf” deeggarsa maallaqaa taasisan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC)- Miseensonni Diyaaspooraa Afrikaa Kibbaa Magaalaa Darbaanii fi naannawaa ishee jiraatan sosochii “Itiyoophiyaa Qulqulluuf”deeggarsa Raandii Afrikaa Kibbaa kuma 410 taasisan.

Afrikaa Kibbaatti Embaasiin Itiyoophiyaa fi Koreen Qindeessaa Deeggarsaa waltajjiin deeggarsaa qopheessan gaggeeffameera.
Saganticharratti miseensonni diyaaspooraa biyyattii jiraatan deegarsichaa taasisuun eerameera.

Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Muktaar Kadiir akka jedhanitti, miseensonni diyaaspooraa dhimmoota biyyaalessaa biyyaa isaaniirratti hirmaannaan taasisaan cimee itti fufuu ibsaniiru.

Ijaarsa biyyaan sosochiiwwan misoomaa fi dhimmoota biyyaalessaa biroorratti waamicha hirmaannaa taasifamaniif deebii kennuuf Ashaaraa seena qabeessaa kaa’aa akka jiran akeekan.

Lammiileen naannawichaa jiraatan deeggarsa taasisaniif galateeffatanii, miseensonni diyaaspooraa biyyattii fi biyyoota Afrikaa biroo jiraatan sosochii “Itiyoophiyaa Qulqulluu”, Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi pirojektoota misoomaa biroof deeggarsa taasisuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.