Fana: At a Speed of Life!

Boordichi filannoo irraa deebiin naannoolee 4tti gaggeesse xumuruu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Boordiin Filannoo biyyaaleessa Itiyoophiyaa filannoon irra deebii fi haftee naannoolee 4tti gaggeeffame nagaan xumuramuu beeksiseera.

Filannoon marsaa 6ffaa irraa deebii fi haftee Naannoo Beenishaanguul Gumuz, Afaar, Somaalee fi Giddu galeessa Itiyoophiyaatti gaggeeffameera.

Adeemsa filannichaarratti Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessa Meelatawarqi Hayiluun ibsa kennaniiru.

Adeemsa sagalee kennuu, walaabaa fi amanamaa taasisuuf haalduree taasifamuu ibsuun, filannichi naannolee 4 keessatti naannoo filannoo 29 fi buufataalee filannoo kuma 1 fi 218 tti gaggeeffamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.