Kaadaasterri, Qaama agarsiiftuu Sabboonumaa Oromoo fi Utubaa ijaarsa sirna bulchiinsa lafaati – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) –Kaadaasterri, Qaama agarsiiftuu Sabboonumaa Oromoo fi Utubaa ijaarsa sirna bulchiinsa lafaati jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan dhimma Kaadaasteraa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
KADAASTARA: Qaama agarsiiftuu Sabboonumaa Oromoo!
KADAASTARA: Utubaa ijaarsa sirna bulchiinsa lafaa!
Lafti qabeenya murteessaa irraaf keessan waa hedduu qabateedha. Lafti seenaa dhala namaa keessatti iddoo guddaa qabaatee as gahe; lafti madda aangoo, humnaafi qabeenyaa ture. Lafti ummata keenya birattis dinagdee, seenaafi eenyumaa isaati. Sabni keenya sababa lafaafi qe’ee isaa irraa buqqa’eef, cunqursaa eenyummaafi sarbama mirga namoomaa hammaataaf saaxilamaa tahee tureera. Yeroo ammaa kanattis diinoti saba keenyaa sababni asiif achitti ummata keenyatti roorrisaniif inni ijoon lafa isaatiif. Oromoof ammo Lafti isaa Lafee isaati.
Falmiifi diddaawwan seenaa bara dhiyoo biyya keenyatti adeemsifaman dhimma lafaa gaaffii isaanii ijoo taasiisuun kanarraa kan ka’edha. Lamaan isaanii haa ilaallu; sochiin gaaffii mirgaa bara 1960’moota keessa adeemsifame dhaadannoo “Lafti Qotee bulaaf” (Land to the tiller) jedhu kan qabu ture; aabsoon keenya yeroo dhiyoo tureefi jijjiirama bara 2010 argameef sababa ta’ellee dhaadannoo “lafti keenya lafee keenya” jedhuun kan adeemsifame ture.
Qabeenya qaalii kana ittiin kakachaa turre malee, sirna ittiin bulmaataa ammayyaawafi jabaa waan itti hinijaarref, fayidaan gama hundaan argamuu qabu osoo hinargamin tureera.
Turtii mootummaa jijjiiramaa keessatti, hojiilee ijoo gama ijaarsa sirnaatiin hojjatamaa jiran keessaa kadaastarri seeraa adda dureedha. Hojiin kun akka piroojektiitti bara 2004 jalqabus, hanga bara 2013’tti raawwiin isaa harkifataafi deemsa qocaa kan tureefi bu’aa argamuu qabus kan hinargamsiisne ture. Haata’u malee, mootummaan jijjiiramaa bara 2013 kaasee, barbaachisummaa isaa irra deebiin hubachiisuun, karoora hiixataa qabatee hojiitti kan gale yoota’u, raawwii jirus daran jajjabeessadha.
Kadaastara Seeraa
Kadaastara seeraa jechuun sirna odeeffannoo cittuu lafaa (land parcil) kamuu ibsama teessumaa, mirgaafi itti gaafatamummaa abbaa qabiyyee waliin mirkaneessuun, sistamaan galmeessuun sirna tajaajila lafaa guutumaan guututti dijiitaalessuun, kaartaa dijiitaalaa falmii kamuu irraa bilisa ta’e kennuu hammata.
Fayidaa Kadaastara Seeraa
Kadaastarri Seeraa faayidaalee bulchiinsaa, seeraa, haawaasummaafi gabaa qaba.
Bulchiinsafi kenna tajaajila lafaa ammayyeessuufi si’eessuuf dandeessisa; tajaajila lafaa dijiitaalessuuf bu’uura cimaa kaa’a;
Wabii abbaa qabiyyummaa (tenure security) mirkaneessa; kanaaniis waldhabdeefi walfalmii lafaa ni hirdhisa;
Gahee lafti dinagdee gooroo akkasumas galii magaalotaafi baadiyyaa keessatti qabu nidabala; Kunis, cittuun lafaa mirgi itti umame kamuu waan galmaa’uuf, gatii osoo hinbaasiin, galii osoo hingalchin bilaasha hafu/badu akka hinargamne taasisa;
Al-seerummaa lafarratti muldhatu hir’dhisuu qofa osoo hintaane, dhabamsiisaa deema;
Gabaa qabeenya dhaabbii (real property market) ni tasgabbeessa.
Kadaastara Baadiyyaa
Hojii kadaastara seeraa Anaalee 205 keessatti kan jalqabsiifame yoo ta’u, Aanaleen 171 guutumatti (%100) xumuranii tajaajila lafaa sistamaan kennaa kan jiraniifi qoteefi hursiisee bultoonni keenya faayidaalee hedduu irraa argachuu irratti argamu. Aanaalee 34 keessatti ammoo dhiyeenyatti xumuramee kan keessa bahamu taha. Naannoo horsiisee bulaatti ‘Dheedha’ 5 keessatti hojiin kadaastara jalqabsiifamee ‘Dheeda’ 3 keessatti guutumatti kan xumurame yoota’u “Dheeda’ 2 keessatti ammoo yeroo dhiyootti kan xumuramu taha. Raawwii waliigalaatiin lafti hekt. mil. 12.3 naannoo keenyatti Kadaastraan galmaa’eera.
Kadaastara Magaalaa
Bara kana cittuu lafaa magaalaa mirgi itti ummame kamuu gara kadaastaraatti galchuuf karoorsinee hojjii kan jalqabne yoota’u, sosochiin jiru karoora keenya milkeessuu cinaatti haala aadaa hojii keenyallee jijjiiruun Magaalonni guyyaarra darbuun halkan hanga sa’aatii 4:00tti hojjetan hedduudha. Haaluma kanaan, magaalonni hedduun cittuu lafaa mirgi itti umame kamuu guutumaan guututti kadaastaratti galchuun keessaa bahuu irratti argamu.
Kallattii Gara Fuula Duraa
Kadaastarri ijaarsa sirnaa dhimma lafaa irratti taasifamu ta’uu hubachuu; gama biraatiin, hojiin kadaastara lafaa, qaama ulaagaaleewwan sabboonummaa Oromoo ittiin ibsinu keessaa tokko kan ta’e, ‘ijaarsa sirnaa cimaa’ ta’uu hubachuun socho’uu;
Magaalonni 23’nu hanga Waxabajjii 30 bara 2016’tti kadaastara seeraa xumuruu akka qaban beekanii guyyoota hafan keessatti halkaniifi guyyaa raawwachuu;
Waxabajjii 30 bara 2016 booda, tajaajila cittuu lafaa mirgi itti umamee kadaastara galee hunda dijiitaalessuun sistamaan tajaajila.
Magaalonni 23’nu, bara 2017 irraa eegalee, tajaajilli lafaa gama tooratiin (on line) ta’uu hubattanii qophii gahaa taasisuu qabdu.
Aanaalee hojiin Kadaastaraa itti hinjalqabne bara itti aanutti karoorri qabamee hojiitti galuun kan itti jiraatu tahuu.
#Oromia #Ethiopia