Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Pirojektii ijaarsaa daandii olaanaadha jedhame eegalchiifame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti sirni jalqabsiisa pirojektii ijaarsa daandiif dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Sirna jalqabsiisaa pirojektichaarratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Magalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Abbootii Gadaa, Haadholii siinqee fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Daandiin kutaalee magaalaatti hundaa walquunnamsiisa jedhame kun kiiloomeetira 150 kan fagaatu yoo ta’u, marsaa jalqabaan kiiloo meetirrii 38.5 Birrii biiliyoona 4.5’n kan ijaaramu ta’uun ibsameera.

Marsaa jalqabaan daandiin ijaaramu kun Kutaalee Magaalaa Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoo, Koyyee Faccee fi Galaaniin kan walquunnamsiisuudha jedhameera.

Ijaarsi daandichaa waggootaa 5’n keessatti xumurama jedhameera.

Tasfaayee Ijjiguu fi Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.