Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni1 fi 178 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)-Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti rakkoolee garaagaraa keessa turan kumni 1 fi 178 gara biyyaatti deebi’aniiru.
Balalii marsaa sadii har’a gaggeeffameen lammiileen kumni 1fi 178 deebi’an hundi dhiiroota yoo ta’an, kanneen keessa 18 guddatoota umurii isaanii 18 gadi ta’uun eerameera.
Ebla 4, 2016 irra eegale hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen lammiileen kumni 46 ol gara biyyaatti deebi’uu ragaan Ministeer Dhimma Dubartootaa fi Hawaasuummaarraa argame ni mul’isa.
Gama biraatiin Jibuutiitti Embaasiin Itiyoophiyaa, Dhaabbataa Godaantotaa Idil Addunyaa waliin ta’uun godaantotaa idileen alaa 86 gara biyyaatti akka deebi’an taasisuu beeksiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.