Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa deeggarsa loltummaa Raashiyaaf akka taasistu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)-Daawwannaa hojiif Kooriyaa Kaabaa kan galan Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Pireezidaantii biyyattii Kiim Joongi Uuniin simannaan agarsiisa loltummaa olaanaan dabaalame taasifameeraafi.

Putiin baatii faranjootaa Fulbaana darbe afeerraa Kiim irraa dhiyaateef bu’uureffachuun waggoota 24 booda gara Kooriyaa Kaabatti daawwannaa hojiif imalaniiru.

Dureewwan lameen mariii taasisaniin walta’iinsa loltummaa biyyoota lameenii daran dhimmoota cimsanirratti mari’ataniiru.

Kooriyaan Kaabaa yeroo ammaa Yuukireen waliin waraanaatti kan jirtu Raashiyaaf deeggarsa akka taasistu Kim ibsaniiru.

Keessumaa biyyoonni meeshaa niwukilaraa hidhatan kunneen walta’iinsa damichaan qaban daran cimsuuf mari’achuun gabaafameera.

Kana malees dureewwan lameen walta’iinsa diinagdee fi dameewwan biroon qaban dagaagsuuf mari’achuu Aljaziiraan gabaaseera.

Pireezidaanti Kiim Raashiyaan waraana Yuukireen waliin taasistuuf biyyi isaanii deeggarsa barbaachisaa akka taasistu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.