Fana: At a Speed of Life!

BRICS bu’uura tumsa sirna dinagdee fi faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta’eef hojjeta – Adam Faaraahi

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) –BRICS bu’uura tumsa dippilomaasii biyyoota hedduu fedhii hawaasa addunyaatiif kan dhaabbatuu fi sirna dinagdee fi faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta’eef kan hojjetu ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.
Fooramiin paartilee Siyaasaa biyyoota miseensa BRICS fi biyyoota deeggartoota idil addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamaa jira.
Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamus fooramii paartilee siyaasaa Idil Addunyaa Raashiyaa Vilaadivostookitti gaggeeffamaa jiru kanrratti hirmaataa jira.
Bara addunyaan walitti dhiyaatte kanatti tumsi diinagdee filannoo qofa osoo hin taane daandii daraan murteessaa hariiroon biyyootaa ittiin cimu ta’uu ibsaniiru.
Haqa qabeessummaa diinagdee, garaagarummaa teeknooloojii fi qormaatilee jijjiirama qabeenya qilleensaa mudateef waloon deebii itti laachuu qabna jedhan.
BRICS tumsa diinagdee addunyaa uumuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan haala qabatamaa addunyaa bu’ureeffachuun hammattoo tumsa kana waliin walitti hidhamuuun qooda mataa ishee ba’uuf fedhii olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Obbo Adam Faaraahi, Biyyoonni miseensa BRICS raabsi qabeenyaa fi carraan madaalawwaan akka jiraatu murannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin hariiroo waloo cima uumaa jiraachuu Obbo Adam Faaraahi eeraniiru.
Fooramiin paartiilee siyaasaa idil addunyaa kun Boru kan xumuramu ta’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.