Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan muddama Raashiyaa fi Yuukreen furuuf kan hojjettu ta’uu mirkaneessite

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Chaayinaan hawaasa idil addunyaa waliin ta’uun muddama Raashiyaa fi Yuukreen furuuf kan hojjettu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksiise.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin dhiyeessanirratti yaadni akka kennamu gaaffii dhiyaate bu’uura taasiisuun Chaayinaan yaada mataa ishee kenniteerti.

Chaayinaan yeroo hunda dhimma Yuukreenirratti ejjennoo qabatamaa fi haqa qabeessa kan qabdu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ifoomseera.

Mariin nageenyaa murannoo fi ejjennoo qabu akka taasiifamu Chaayinaan hawaasa idil addunyaa waliin kan hojjettu ta’uu ibseera.

Furmaata siyaasaa fiduuf tattaaffii cimaa kan taasiiftu ta’uu himeera.

Hawaasa idil addunyaa waliin yaada furmaataa waaraawaa hojiirra oolchuuf tumsaa fi itti fufiinsaan hojjechuuf qophii ta’uu eeruu ‘sputnik’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.