Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Magaalaa Finfinnee murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)-Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 14ffaa bara hojii 3ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.

Haaluma kanaan daandilee ijoo magaalattiirraa fageenya ijaarsa gaggeeffamaanii kaabineen murteesse hojiirra akka ooluuf, adeemsa isaa saffisiisuu fi tajaajila isaa saffisiisuuf, ibsa dambiin deeggaramuun dhiyaaterratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera.

Kana malees, ibsaalee daandii cinaa fi bu’uuraalee misoomaa kan bulchu dambii hundeeffana Ejensii dhiyaatee qorachuun ragaasiseera.

Gama biraatiin dambii fooyyessa hojmaata gurmaa’iinsa Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalichaa raggaasiseera.

Dambiin kunis qulqullina magaalattii eegsisuu, fayyadamaa fi dhabamsiisa balfaa akkasumas itti fayyadamaa daandii konkolaattotaa, dhangala’aa daandii dhabamsiisuu, seeraan ala daandiirratti qulqullaa’uurraa eeguuf hammattoowwan seeraa jiran, irra darbamanii wayita mudatan kabachiisuu fi adabuuf kan tumsan akka ta’e eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.