Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hariiroo fi tumsa bara dheeraa Chaayinaa waliin qabdu cimsitee itti fufti – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan hariiroo fi tumsa bara dheeraa damee hundaan Chaayinaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi.

Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Fooramii Paartilee siyaasaa idil addunyaa Waxabajjii 9 -12, 2016tti Raashiyaa Viilaadiivoostookitti qophaa’eerratti hirmaachaa jira.

Fooramicha cinaatti Obbo Adam Faaraahiin Ministira Damee Idil Addunyaa Paartii Koominiistii Chaayinaa Liiyuu Jiinchaawoo waliin mari’ataniiru.

Chaayinaan deeggartuu cimtuu tumsa diinagdee Itiyoophiyaa ta’uu Obbo Adam Faaraahii eeraniiru.

Dhaabbileen Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Tumsa yeroo hundaa Chaayinaan Itiyoophiyaaf taasiisaa jirtu galateeffataniiru.

Hariiroo fi tumsi biyyoota lamaanii, akkasumas michummaan siyaasaa caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Tumsa Tarsiimawaa biyyoota lamaanii sadarkaa caalutti guddisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Liiyuun Jiinchaawoon dabalatee hoggantoonni Paartii Kooministii Chaayinaa Itiyoophiyaa akka daawwatan afeeraniiru.

Chaayinaan hariiroo fi michummaa bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee kan itti fuftu ta’uu Liiyuu Jiinchaawoon himaniiru.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uu isheef baga gammaddan jedhaniiru.

Waltajjii Chaayinaa Afrikaa Onkololeessa dhufu gaggeeffamurratti jilli Itiyoophiyaa akka hirmaata afeeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.