Fana: At a Speed of Life!

Kontirobaandii albuudaa ittisuuf hojmaanni qindaa’aan eegalame cimee akka itti fufu eerame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Omisha Albuudaa ammayyeessuun cinaatti kontirobaandii albuudaa ittisuuf hojmaanni qindaa’aan eegalame daran cimee akka itti fufu Ministirri Ministeera Albuudaa Habtaamuu Taganyi duubbatan.

Bara baajatichaatti raawwiin guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.

Haaluma kanaan damee albuudaan oomisha isaa kan ammayyeessan warshaaleen hedduun hojiitti akka seenaniif hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Ministirri Albuudaa Habtaamuu Taganyi, Itiyoophiyaan qabeenya albuudaan kan badhaate taatus sirnaan faayidaarra oolaa akka hinturre yaadachiisan.

Damichaaf hojmaanni ammayyaa’aan qophaa’uu dhabuun, malaammaltummaa fi kontirobaandiif sababa ta’eera jedhan.

Haaluma kanaan jijjiiramaan booda dameewwan diinagdee olaanoo shanan keessaa damee albuudaan, adeemsa oomisha albuudaa ammayyeessuuf akkasumaas hannaa fi kontirobaandii ittisuuf Manni Maree Biyyaalessaa Albuudaa hundeeffamuun, naannolee waliin qindoominaan hojiileen garaagaraa gaggeeffamu ibsaniiru.

Damichi qindoomina dhaabbilee hedduu kan gaafatu ta’uu eeruun, kontiroobaandii gama ittisuun hojmaata qindaa’aa eegalame cimsanii itti fufsiisuun murteessaa ta’uu akeekaniiru.

Yeroo ammaa damichan sosochii olaanaan jiraachuu kan kaasaan ministirichi, waggoottan muraasa dhufan hojmaataa isaa ammayyessuun albuudaalee qulqullina fooyya’aan oomishuun, gara gabaa alaatti erguuf xiyyeeffannaan kennamuu kaasaniiru.

Kanaaf ammoo mala oomisha ammayyaa’aa hordofuun warshaalee hedduu gara oomishaatti galchuuf hojiileen dandeessisan gaggeeffamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.